Mallattoolee Miidhamaa

Kuni mallattoolee beekkamoo namootni miidhama booda agarsiisaniidha. Namoota miidhamni (qaamaan, hamileedhan, sammuudhaan) irra gahe hubachuudhan miira isaan irra gahe tarii isaanif ibsuun barbaachisaa ta’uu mala. Namootni hedduun wanti isaanitti dhaga’amu waan isaan qofatti dhaga’amu itti fakkaata. Isaan kophaa isaanii jiraachuu dhabuu beekun isaanii baayyee barbaachisaadha, fi mallattooleen isaanii “haala sirrii hin ta’iniif deebisaa sirrii kennuudha.”


Mallattooleen qaamaa muraasni

  • Ilkaan hurgufamuu
  • Rakkoo Garaa/mar’imaanii, balaqqamsiisaa
  • Dhukkubbii mataa
  • Rifaatu
  • Siree irratti fincaanuu/siree jiisuu yeroo dheera
  • Garmalee si’aa’uu

Mallattooleen xiinsammuu muraasni

  • Aarii guddaa, boo’icha
  • Mufii yookan “walitti fufiinsaan waan xiyya irra jiru natti fakkata”
  • Amala nyakkisaa yookan mormii
  • Taphaaf fedhii dhabuu
  • Carraa hedduu fudhchuu barbaaduu, amala miidhaa geessisu keessatti hirmaachuu
  • Amala of wallaaluu
  • Rakkoo hariiroo (Fakkeenyaaf: Dheessuu, hawaasa sodaachuu)
  • Salphaatti aaruu – “sababa malee” namootaatti aaru
  • Dheessuu
  • Aari
  • “Fakkiin sammuu keessaa” akka dhabamu taasisuu dadhabuu
  • Bakka itti gahe sana yookan ta’ee miidhaa geessise sanatti deddeebi’u sodaachu – akka hin deebine sodaachu
  • Miidhaa gaheen qabamu – yeroo hundaa waa’ee isaa yaaduu fi/yookan dubbachu
  • Yaadannoo rakkoowwan kana dura darbanii, keesssattuu yoo wanti sana wajjiin wal fakkaatu irra deebi’ee uumame (namni uffata miidhamaa fakkaatu uffatu, foolii waan sana wajjiin wal fakkaatu yoo fuunfatte - waan akka ifaa, kkf)
  • Sodaan nama keessatti uumamuu
  • Yeroo HUNDAA rafuu barbaaduu
  • Fedhiin nyaataa jijjiiramuu – beela’uu dhabuu yookan humna ol nyaachu

Keessattuu daa’imman, tarii sodaan

  • Adda ba’uu, ga’eessota eeggumsa isaanif godhanirraa adda ba’uu sodaachu
  • Siree isaanii keessa rafuu yookan hirribuma sodaachuu (baraaquu, dunquqquu)
  • Rakkoo mana baruumsaa, oolmaa guyyaa, mana barnootaa yookan waldaa adeemuu
  • Namni ta’e yoo jiraate qofa jiraachu
  • Dukkana ( daa’imman halkan haala “sirrii” ta’e keessatti rafuu sodaachuu yookan dukkana sodaachuu)
  • Meeshaa ta’e (kan kana dura hin sodaanne) sodaachuu
  • Mana fincaaniitti adeemu

Daa’imman gurguddoon jijjiirama amalootaa kan akka

  • Madaala dhabuu
  • Quba hodhuu
  • Guddina irratti hanqina qabaachuu, waan akka taphaa yookan dubbachuu irratti hanqina qabaachu

Daa’imman umrii barnootaa irra jiran

  • Barachuu dadhabuu
  • Daree hirmaachuu dhiisuu
  • Xiyyeeffannooo dhabuuu, qabxiin gadi bu’uu
  • Fakkii yookan tapha miidhama isaanii ibsu kaasuu