Waadaa ittisa miidhaaf hacuuccaa ijoolleef daa’immanii

 


Daangaa

Waadaan ittisa miidhaaf hacuuccaa ijoolleef daa’immanii fi seerri ittiin bulmaataa isaa kan of keessatti qabatu keessattuu qooda fudhattoota guddisa ijoolleef daa’immanii keessatti hojicha akka fiixaan baasaniif irraa eegamu kanneen akka hojjettoota Kompaashinii Biyyaalessaa Itoophiyaa, dhaabbiilee michoomaa, bakka bu’ootaa, keessattuu miseensoota istaafii mana hojichaa, tola ooltoota, hojetoota kontiraataa fi kanneen biroo bifa kontiraataatiin Kompaashinii Biyyaalessaa Itoophiyaa dabalatee, akkasumas michoota sadarkaa idil Adunyaa fi waldoolee michoomaa hojicha harkaa qabdu akkasumas daawwattoota kallattiin gargaaramtoota ijoollee waliin walitti dhufan fa’aa ti. 

Odeeffannon kun kan inni irratti xiyyeeffatu yoo xiqqate qabiyyeen waadaa ittisa miidhaaf hacuuccaa ijoolleef daa’immanii mirkanaa’e sadarkaa idil Adunyaatti hojiirra oolchuu dha. Seerri ittiin bulmaataa kun hariiroo gargaaramtoota ijoollee waliin taasifamu keessatti gadi fageenyaan amaloota calaqqisiifamuu qaban kan agarsiisu dha. Hojetoonni waajiroolee ol’aanoo dhaabbatichaa dhiheenyarra jiran /field office/ fi michoonni sadarkaa idil Adunyaa barreeffama kana /document/ hiikuu, ibsuu, galumsaa isaa fi odeeffannoo dabalataa kennuu kan danda’an hanga yaanni barreeffama kanaa hin jijjiiramnetti. Sanadni barreeffame kun of danda’ee kan dhaabbatuu fi seeroota biroo waliin kan walitti hin buune dha.


Aangoo

Aangoon hojiirra oolmaa waadaa ittisa miidhaaf hacuuccaa ijoolleef daa’immanii fi seerri ittiin bulmaataa isaa kan argamu Imaammata Boordii 5.2.1 fi Imaammata Hoogansaa 102, “eegumsa ijoolleef daa’imman idil Adunyaa” biratti dha. Imaamataawwan kanneen kan bahaniif ciminaa fi hojiirra oolmaa sanada seeroota ittiin bulmaataa qaamooleen gargaaramtoota ijoollee waliin hariiroo uuman hojiirra akka oolchaniif barbaadameeti. Qaamni waadaa ittisa miidhaaf hacuuccaa ijoolleef daa’immanii fi seeroota ittiin bulmaataa kana mallatteessan irraa wanti eegamu qabu, hubannoo dhimma kanaa qabaachuu fi hordoffii seerootaaf qajeelfamoota sanada kana keessatti tarreeffamanii beekuu dha. Dabalataan imaammanni hoogansaa kun qaamni seeroota kana cabsee argame yoo jiraate, karaa seeraatiin tarkaanfiin naamusaa irratti ni fudhatama, akkasumas hojii idilee irraa kan gaggeeffamu ta’a.


Seera Ittiin Bulmaataa

Amaloota gaarii fudhatama qaban/Acceptable Behaviors:

  • Ijoollee hundaaf saalaan, qomoon, umriin, amantiin, garaagarummaa dinagdeen, aadaan, dandeettiinii fi qaamaan osoo addaan hin baasiin kabajaa fi jaalalaa kiristaanummaa agarsiisuun kunuunsa barbaachisu nan taasisa.
  • Umrii fi dandeettii isaaniirratti hundaa’uun wantoota ijoollee irraa eegaman hundaa hubachuun eegumsa isaaniif barbaachisu hundaa nan taasisa.
  • Umrii gargaaramtoota ijoollee irratti hundaa’uun hariiroo waliin dubbii sadarkaa isaa eeggate irratti waliin nan hirmaadha.
  • Gargaaramtoota ijoollee waliin dursee qaamaan argamuun seeera kan giddugaleeffate qorannoo seenaa duduubee maalummaa ijoollee sanaa nan taasisa.
  • Sochii hojiiwwan gargaaramtoota ijoollee waliin taasifamu hundaa bakka ifaa fi mul’achuu danda’utti, akkasumas hojichi yoo nama dhuunfaa ilaallate illee yoo xiqqate bakka namni jabaan tokko jirutti nan raawwadha.
  • Ijoolleef daa’imman miidhaaf hacuuccaan irratti aggaamamaa jiru yoon arge mucaan sun miidhamaa jiraachuu isaa beekee hiriyaa, michuuwwan yookiis bakka bu’oota yookiis daa’imni sun gara koottii yoo iyyate dhimma kana sirriitti ilaalee miseensoota hojjattoota pirojektii guddisa daa’immanii yookiis qaama adda durummaan dhimmi kun ilaallatutti nangabaasa. Gara fuulduraattis mucaan tokko balaa irraa akka baraaramuuf hanga dandeettii koo waan narraa eegamu hundaa gochuuf nan tattaafadha.
  • Icciitii dhimma qorannoo eegumsa ijoolleef daa’immanii irratti godhamu of eeggannoon nan eega.
  • Qaamooleen dhimma eegumsa ijoolleef daa’immanii irratti qorannoo gaggeessan yoo na gaafatan, ragaa fi odeeffannoo dhimma kanaaf barbaachisoo ta’an hunda kennuun deegarsa fi tumsa nan taasisa.
  • Ijoolleen mirgaa fi dirqama isaanii kabajchiisuu fi jajjabeeffachuuf maryachuu akka danda’aniif haala mijaawaa nan uumaaf.
  • Gargaaramtoota ijoollee waliin hariiroon karaa miidiyaa hawaasaa taasisu irratti seeroota Kompaashiiniin / pirojektiin baasee nan hordofa.
  • Ijoolleen uffannaan, suraa ka’uun akkasumas karaa viidiyootiin kabaja /safuu hawaasa/ social norms/ isaanii eeggatanii akkataa sirrii ta’een akka argamaniif nan hordofa.
  • Akkaataa uffannaa, haasaa ykn dubbii fi sochii koo hundumaan gargaaramtoota ijoolleef maatii isaanii, akkasumas aadaa fi mirga isaaniif kabajaa fi ulfina kennuun of eeggannoo narraa barbaachisu nan taasisa.

Amaloota badaa fudhatama hin qabnne:

  • Gargaaramtoota ijoollee kamiyyuu waliin hariiroo jaalala saalquunnamtiitiif nama kakaasus ta’ee walquunnamtii saalaa hin raawwadhu.
  • Ijoolleef daa’imman umriin isaanii 18 gadi ta’ee fi seerri biyyattii hin heeyyamne kamiyyuu waliin quunnamtii saalaa, akkasumas amaloota quunnamtii saalaaf nama kakaasan irratti hin hirmaadhu.
  • Jechoota nama miidhan kan akka arrabsoo, haamilee namaa cabsu, mirga namoomaa tuquu, safuu fi aadaa hawaasaa hin eegganne hin fayyadamu.
  • Gochaawwan kanneen akka tutuqaa qaamaa, dhungoo, hammannaa, adda baasuu, baachuu fi kkf gargaaramtoota ijoolleerratti hin raawwadhu.
  • Gochaawwan adabbii qaamaa ijoolleef daa’imman irratti raawwataman kanneen akka reebichaa, kaballaa, moccorraa fi dirqisiisuun shaakala qaamaa hojjechiisanii adabuu fi kkf akka filannoo sirreeffama amalaa taasisuun hin fayyadamu.
  • Gargaaramtoota ijoollee haalli rakkisaa fi furmaata battalaa lubbuu baraaruuf barbaachisu yoo ta’ee malee qaama bakka bu’ummaan isaa mirkanaa’een alatti qofaa koo fuudhee bakkaa bakkatti hin socho’u / hin deemu /.
  • Ijoollee umrii seerri heeyyameefiin alatti hojii humna isaaniin ol ta’ee miidhaa isaan irratti geessisu irratti akka bobba’aniif hin dirqisiisu.
  • Sagantaa akka pirojektiitti seeraan bahee taa’een alatti gargaaramtoota ijoollees ta’ee warra /guddistoota/ isaanii waldaan ala jiran deemee hin laalu / hin daawwadhu.
  • Qaama seeran hayyamameefiin ala dhoksaa fi odeeffannoo waa’ee gargaaramtoota ijoollee yookiis kan maatii isaanii jechuun waa’ee qaamaa, sammuu, fayyummaa miiraa, dinagdee, seenaa yaraa duduubee isaanii fi kan kana fakkaataniin duudhaa Kompaashiniin /Pirojektiin/taa’ee jiru akka hin guunnee waan isaan daangesse, iciitii isaanii beeka jedhee isaan hin saaxilu. Dabalataanis odeeffannoowwan gargaaramtoota ijoollees ta’ee kan maatii isaanii, bakka itti argaman, mana, teessoo, haala argama lafa mana jireenya isaanii fi kkf qaama biraaf hin saaxilu. Dhoksaan kun hawaasaan yookiis nama dhuunfaatiin kan barraa’uu yookiis waraabamuu danda’u ta’uu isaas nan hubadha. 
  • Gochaawwan seeraan alaa nageenya ijoollee irratti miidhaa geessisan kanneen akka ofittummaa, daddabarsa ijoollee, barmaatiilee miidhaa geessisan, amantiitti hirkachuun miidhaa geessisuu fii kkf keessatti hin hirmaadhu.

Waadaa fi Waliigaltee

Ani _________________________________________ waliigaltee aarmaan gadii kana jechuun:

  • Koppii seera ittiin bulmaata hojii Kompaashiniin Biyyoolessaa /Pirojektiin Misooma Daa’immanii/ eegumsa ijoolleef daa’immanii ilaalchisee baase fudhadheera
  • Seera ittiin bulmaataa hojii Kompaashiniin Biyyoolessaa /Pirojektiin Misooma Daa’immanii/baase kun tajaajila, hirmaannaa fi hariiroo ijoollee waliin qabu keessatti kan narraa eegamu ta’uu isaa hubadheera.
  • Qabiyyee seera ittiin bulmaata hojii kanaa dubbisee hubadheera.
  • Hiikaa fi hojiirra oolmaa seera ittiin bulmaata hojii kanaa ilaalchisee leenjii gahaa fudhadheera.
  • Qabxiiwwan seera ittiin bulmaataa keessatti naaf hin hubatamne irratti gaaffii akkan gaafadhuuf carraa argadhee gaafadhee hubadheera.
  • Seera ittiin bulmaataa kana cabsee yoon argame tarkaanfiin naamusaa kan akka hojii irraa gaggeeffamuu, michummaa dhaabuu, gargaarsa addaan kutuu akkasumas hariiroon dhaabbaticha waliin qabu akkan dhaabu hubadheera.
  • Adeemsa hojii kana keessatti karaa kamiinuu seera cabsee yoon argame akkataa seera ciiviilii yookaan seera adaba yakkaa biyyoolessaa fi Idil Adunyaa lamiileef baaseetiin himatamee bakkan gaafatametti deemee akkan adabamu hubadheera.
  • Ani ____________________________________________ qabxiiwwan qacarrii aarmaan olitti dhimma eegumsa ijoolleef daa’immanii ilaalchisee Kompaashiniin Biyyoolessaa Itoophiyaa /Pirokektiin Misooma Daa’immanii/ baase hojii fi hirmaannaa ani dhaabbata kan keessatti qabu irratti hojjettoota, gargaaramtoota ijoollee, michoota hojichaa fi qoodafudhattoota biroo waliin ta’uu fi waliigaluun gutumaan guutuutti seerichaaf bitamee kutannoon hojii irra oolchuuf waadaa nan gala.